Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

{{{መዝሙር3}}}

Gooftaan Dubbii Galagalcheera

5:12 · አማርኛ

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Gooftan dubbii galagalcheera, diina kootti dalga galeera (2x)

Haaressera seenaa koo tolchera

Harkaa dhaye kan diinaa karoora

Lafa lixaa isaan dhabsiiseera anis galaata dhiyeessera (2x)

Si qapheen dachaa bu'e

Si qapheen gaaratti ol bahe (2x)

An eenyumaan sin fakkeessuu

An eenyumaan sin qixxeessuu

Ohoho Ahaa Ohoho Ahaa

Ulfaadhu ulfinaani (2x)

Walitti qabeeni galata siif galcha

Situ gab-narraa godhe bubbicha

Yoom na nyaateree na raasee galaanni

Olchaa kootiif haa ta'u malee ulfinnii

Maal qabaree yoon shubbisee

Weedduu haaraan yoon weeddisee

Gaarummaansaa narra darbaa

Galatasaa nan lallabaa

Maal qabaree yoon leellisee

Lafaa ka'ee yoon quruphisee

Gaarummaansaa narra dabaa

Galatasaa nan lallabaa

Gaddeebi'ummaa garbichasaatif

Goftaan yaadateeraa yaadateraa

Gaarummasaa himuuf yaa'i guddaa

Dura dhaabateeraa dhabateera *2

Angoonif surraanii kan gooftaa kooti

Utuu isa ta'uu baatee an baduu kooti

Akka agartuu ija isaatti ana eeggata

Gooftaakoo iyyesuusin eenyutu fakkaata

ምንጭ፦ ግጥሙ በ WikiMezmur ማኅበረሰብ የተገለበጠ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ