Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

ገለቶሚ

Galatoomi

2004 · ትራክ 9 · 3:30 · አማርኛ

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan

Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

Ka naaf taate yoon yaadu

Imimmantu na firrisa

Galatuu kee yoo qaabadhu

Iyyi faarsi na taasisa

Garuu callise hin danda'uu

Haga humna kiyyaa iyyaa

Atummaan narra mootomi

Iyyasuusi Mootii kiyya

Atummaan narra ulfaadhu mootomi

Iyyasuusi abbaa kiyya

Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan

Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

Otoo Ani sin beekne

Ati duraanu na beekta

Gara haadha koo Jalqabdee

Hanga ammaa ana tiksiteetta

Kan an si faarsu kun hunduu

Ka anaaf taateef gahaa hin ta'u

Woma siif ta'u nan dhabe

Maqaan kee ol ol haa ta'u

Woma siif laadhu nan dhabe

Maqaan kee ol ol haa ta'u

Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan

Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

Kabajjaan ati naaf goote

Baay'ee ana dinqisiise

Carraa ati anaaf kennite

Ilaalee na gammachise

Gaarummaa wooyituu hin qabu

Dhifamsa keetiin na laalte

Bara dhumaa kanatti kunoo

Tajaajiltuu kee na goote

ምንጭ፦ ግጥሙ በ WikiMezmur ማኅበረሰብ የተገለበጠ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ