Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

ሞቱማ ዋቀዮ

Mootummaa Waaqayyoo

2004 · ትራክ 5 · 5:08 · አማርኛ

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Waaqayyo nu hiike

Hin hidhamnu lamuu

Wal geenne waaqessinaan

Maqaansaa haa eebbifamu

Daangaa nuuf badhisee

Kunoo nu babadhisee

Cunqursituu keenna

Ijaan lafa laalchisee

Mootummaa waaqayyoo Maaltu Daangeessa

Bal'achaa jiraa Addunyaa keessa

Ijoolleen mootummaas gammadaniiru

Humna cimaadhaan waaqessaa jiru

Gamanaan odoo nu dhiiban

Gamanaan nu badhisan

Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa

Kufan caban badan otuu jedhu diinni

Kan isa maalale in jiraanna ammallee

Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

Wanta baayye ture karaa keenna duraa

Gooftaan nu gargaarraan hundaa bira dabareerra

Harka Isaa argineen yommuu nu gargaaru

Seenaa keenna isa moofaa yemmuu gegeeddaru

Humnis galannis kan Waaqayyooti

Mootummaan isaa kan bara baraati

Aangoon hundumtuu harkaa isa keessa

Haa eebbifamu maqaan isaa

Gamanaan odoo nu dhiiban

Gamanaan nu badhisan

Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa

Kufan caban badan otuu jedhu diinni

Kan isa maalale in jiraanna ammallee

Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

Yesuustu nuuf dhufee furtuun lubbuu namaa

Kanaaf isaa saganna gara keenya hundumaan

Hundi keenna obboloowwani

Fagoo dhiyoos yoo dhufnee

Wal fageessuu hin dandeennu

Rabbitu walii nu kenne

...

Dhiigni Iyyasuus innii nuu jige

Ka gargar nu baasu nu jidduu diigee

Yaada tokkon ni waaqessina

Dhugaaf Hafuuran Isaa sagannaa

Gamanaan odoo nu dhiiban

Gamanaan nu badhisan

Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa

Kufan caban badan otuu jedhu diinni

Kan isa maalale in jiraanna ammallee

Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

Kanatu hanna dhiisee

Waaqayyoon yoo waaqesse

Ka hidhaana jinnii hiikamee

Waaqayyof yoo bitame

Namni maaf dideree wangela

Kan beeka taasisu wallaalaa

Kan nama nu taasise isa

hin sagadnaaf hin shubbisna

ምንጭ፦ ግጥሙ በ WikiMezmur ማኅበረሰብ የተገለበጠ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ