Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

ዬሱስ ዬሱስ ጄዱ መሌ

Yesus Yesus Jedhu Malee

2004 · ትራክ 4 · 4:45 · አማርኛ

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Maqaa kan kee kakaasu malee

Yesuus Yesuus jedhu malee

Oolee hin bulu na hin dandeessisu

...

Fannoo kee jalatti jilbiifadha

Ganamaa galgala si waaqeefadha (x2)

Dukkanaa ifatti siin ba'ee

Jiruu bara baraa s'iin ce'ee

Akkamiin irraanfadha maqa kan kee

Anuu hidhaana koo siin hiikkadhe

Nan weeddisa nan leellisa

Jaalallee dhugaa si eebbisaa

Nan weeddisa nan leellisa

Fayyisoo kiyya si eebbisa (x2)

Maqaa kan kee kakaasu malee

Yesuus Yesuus jedhu malee

Oolee hin bulu na hin dandeessisu

...

Fannoo kee jalatti jilbiifadha

Ganamaa galgala si waaqeefadha (x2)

Yesuus Fayyisaa Lubbuu

Kan biraa hin barbaadu si naa wayya

Jireenya an hin hawwu ka siin alaa

Bara jireenya koo si tajaajilaa

Maqaa kan kee kakaasu malee

Yesuus Yesuus jedhu malee

Oolee hin bulu na hin dandeessisu

...

Fannoo kee jalatti jilbiifadha

Ganamaa galgala si waaqeefadha (x2)

Haa fagaatu Haa fagaatu

Haa fagaatu narraa

Kan na fooyu si biraa

Kan na irraanfachiisu rabbiini

'Haa fagaatu maqaa Yesuusitin (x2)

Maqaa kan kee kakaasu malee

Yesuus Yesuus jedhu malee

Oolee hin bulu na hin dandeessisu

...

Fannoo kee jalatti jilbiifadha

Ganamaa galgala si waaqeefadha (x2)

Keessa kiyyatu si barbaada

Kanaaf gara kan kee ol ol iyya

Ani hin danda'u dugdaan

Sitti galee jiraachuu Waaqa kiyya

Ani hin danda'u

Otoo si hin waaqeessin oolee buluu

An hin danda'u

Otoo sii hin sagadin oolee buluu

An hin danda'u

Otoo si hin faarfatin oolee buluu

An hin danda'u

Otoo si hin kabajin oolee buluu

Maqaa kan kee kakaasu malee

Yesuus Yesuus jedhu malee

Oolee hin bulu na hin dandeessisu

...

Fannoo kee jalatti jilbiifadha

Ganamaa galgala si waaqeefadha (x2)

ምንጭ፦ ግጥሙ በ WikiMezmur ማኅበረሰብ የተገለበጠ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ