Fooliin urgaakeetii
2003 · ትራክ 9 · Afaan Oromoo
አዝማች · Chorus
Fooliin urgaakeetii fagoodhaa nawaamee
Ta’eera maatiikee tolotatti makame
Yeroo hundaa nadhibaa waa’een fayyinakoo
Kan nagaa fi boqonnaa situ godhee qoodako
Waaqayyo ulfaadhu ulfaadhu/x8
ቁጥር 1 · Verse 1
Ati tikseekooti ani homaa hin dhabuu
Hamaan natti dhufaa jedhee shakki hin qabu
Ebba barabaraa erga ati naaf abboomtee
Lubbuunkoo nagaakeen gammachuun guutamte
Moorri waarra moortu narratti hin hojjetu
Situ abo naaf laate Gooftaa si haagalatu
አዝማች · Chorus
Fooliin urgaakeetii fagoodhaa nawaamee
Ta’eera maatiikee tolotatti makame
Yeroo hundaa nadhibaa waa’een fayyinakoo
Kan nagaa fi boqonnaa situ godhee qoodako
Waaqayyo ulfaadhu ulfaadhu/x8
ቁጥር 2 · Verse 2
Orma maalan beeka sirrattan of baree
Abdi bira hin qabu sittan kooluu gale
Hirko bara baraa kan najala hin jignee
Naaf taate nagaakoo kan hin fudhatamne
Yaaddoo maaliin qaba sirrattan of baree
Amanannaankoo si’I hin fedhu kan biraa
አዝማች · Chorus
Fooliin urgaakeetii fagoodhaa nawaamee
Ta’eera maatiikee tolotatti makame
Yeroo hundaa nadhibaa waa’een fayyinakoo
Kan nagaa fi boqonnaa situ godhee qoodako
Waaqayyo ulfaadhu ulfaadhu/x8
ቁጥር 3 · Verse 3
Dhiibu du’aa keessaa butte ol nabaaftee
Gaarummaakeetiini lubbuukoo quubsitee
Sijajuun naaf ta’a ofirraatii bu’ee
Jiraachuunkoo siinii aduun kan naaf ba’e
Bowwaa dukkanaa’aa keessa yoon deemeyyuu
Ati nawajjiinii ani homaa hin ta’uu
አዝማች · Chorus
Fooliin urgaakeetii fagoodhaa nawaamee
Ta’eera maatiikee tolotatti makame
Yeroo hundaa nadhibaa waa’een fayyinakoo
Kan nagaa fi boqonnaa situ godhee qoodako
Waaqayyo ulfaadhu ulfaadhu/x8
ምንጭ፦ ግጥሙ ለ Lyriqa በቀጥታ የቀረበ/የተዘጋጀ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ