Labsii Labsiin Diigee
2003 · ትራክ 2 · Afaan Oromoo
ቁጥር 1 · Verse 1
Labsii labsiin diigee sirreessee kaasa murtoo dabaa
Wanjoo nama cabsee hurreessee boquu namaa olqabaa
Jabaadha Waaqayyo abbaa aangoo hundumaa danda’aa
Elshaadaay maqaansaa Adoonaay Maaltu hammasaa ga’aa
Maaltu hammasaa ga’aa jabaadhaa maaltu ammasaa ga’aa
Maaltu hammasaa ga’aa Elshaadaay maaltu ammasaa ga’aa
Maaltu hammasaa ga’aa Adoonaay maaltu ammasaa ga’aa
ቁጥር 2 · Verse 2
Isa dalga galee ciisee fulduraakoo karaa cufee
Cabsee nadabarsee kunoo sagaleen olii naadhufee
Karaatti hafe yaanni diinaa anoo hin dune har’ayyu jira
Nama kakuu homtuu hin danda’u seexannii ofumaa joora/x4
ቁጥር 3 · Verse 3
Isatti fakkaate diinnikoo natti bu’e waan ofkoluu
Ragaa sobaa sassaabbatee yommuu taa’e narratti maluu
Arge Waaqayyo waaqarraa isa narratti ta’aa jiruu
Naaf lolee ijaa naaf bahe nan argee kan akkasaa hin jiru/x4
ቁጥር 4 · Verse 4
Hidhannoo nahiikkachiisuuf yaalii guddaan godhameeraa
Akkan karaa hin fageeffanneef danqaa baayyeen naaf taa’eeraa
Nadabarse innan waaqessu hundayyu godhee waan qoosaa
Akka warra duule mo’ee galetti kunoo naboonsaa
Anaanoo kunoo naboonsaa/x2
Waaqnikoo kunoo naboonsaa/x2
መዝጊያ · Outro
Na abbuurate Waaqayyoo mootummaasaaf nanaqatee
Sichi ega an gatii qabaa Tsiyoonis dhaalako taate
Nagaakoo hin fudhatamnee naaf ta’ee iddoo boqonnaa
Ani lafa kaleessaa hin jiru dhiisaa achii nahin barbaadiina
Yoom gahe sichan kabajamaa sichi guddinnikoo
Yoom gahe kun jalqaba malee dhuma miti waa’eenkoo x2
ምንጭ፦ ግጥሙ ለ Lyriqa በቀጥታ የቀረበ/የተዘጋጀ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ