Uffee Nan Boqodhee
2003 · ትራክ 6 · Afaan Oromoo
አዝማች · Chorus
Uffee nan boqodhee aara galfadheeraa
Yesuuskoo manaakee nagaa guddaatu jira
Sitti erga waamamee ergan ta’e mucaakee
Seenakootu geeddaraamee ani waan haaraan arge
Hoo haleeluuyyaa/x2
Hoo eebbifamii/x2
Iyesuuskoo madda aara galfiikoo
ቁጥር 1 · Verse 1
Bitakoo fi mirgakoo asii fi achi ilaalee
Yommuu waanti hundumtuu bita natti gale
Akka ilmo abbaa hin qabne michuuko yoom naadhiiftee
Kaasukeetti naafuutee qomakeetti nabaattee /x2
አዝማች · Chorus
Uffee nan boqodhee aara galfadheeraa
Yesuuskoo manaakee nagaa guddaatu jira
Sitti erga waamamee ergan ta’e mucaakee
Seenakootu geeddaraamee ani waan haaraan arge
Hoo haleeluuyyaa/x2
Hoo eebbifamii/x2
Iyesuuskoo madda aara galfiikoo
ቁጥር 2 · Verse 2
Sababniko baayyeedha ani callisuu hin danda’uu
Maqaakeen faarfadha nuffee lafa hin kaa’u
Seena baayyeetu jira yaadannoo hin dagatamne
Madda taliila eebbaa gooftaakoo situ naaf ta’e /x2
አዝማች · Chorus
Uffee nan boqodhee aara galfadheeraa
Yesuuskoo manaakee nagaa guddaatu jira
Sitti erga waamamee ergan ta’e mucaakee
Seenakootu geeddaraamee ani waan haaraan arge
Hoo haleeluuyyaa/x2
Hoo eebbifamii/x2
Iyesuuskoo madda aara galfiikoo
ቁጥር 3 · Verse 3
Gaarummaa ati naaf qabdu jaalalakeen argee
Attamiin cal jedhuu lafti onaakoo margee
Weedduu haaraa haaraan sin faarsa abba oolmaakoo
Kuniyyu sihin ga’u Yesuus jaalalleekoo /x2
አዝማች · Chorus
Uffee nan boqodhee aara galfadheeraa
Yesuuskoo manaakee nagaa guddaatu jira
Sitti erga waamamee ergan ta’e mucaakee
Seenakootu geeddaraamee ani waan haaraan arge
Hoo haleeluuyyaa/x2
Hoo eebbifamii/x2
Iyesuuskoo madda aara galfiikoo
ምንጭ፦ ግጥሙ ለ Lyriqa በቀጥታ የቀረበ/የተዘጋጀ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ