Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

Galanni Galatarrattii

2003 · ትራክ 5 · Afaan Oromoo

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Galanni galatarrattii

ulfinni ulfinarrattii

Gooftaakoo siif haata’u(Yesuuskoo)

Hin jiru kan hammakee ga’uu/x2

Kanatu hafe sanatu hafe jedhe sababa hin eeru

Waaqakoo naafo kan akkake hin jiru/x4

Utuun taa’ee yaada kuusuu waa’eenkoo bita natti gale

Imimmaan ta’ee soorako baroota baayyeef okkolee

Qormaanni eda eebba baattii yeroodhaaf naaf galuu baatuus

Gaarummaaf goote waan hundaa galatoomika yaa yesuus

Sin eebbisa ammas ammas

Galanni galatarrattii

ulfinni ulfinarrattii

Gooftaakoo siif haata’u(Yesuuskoo)

Hin jiru kan hammakee ga’uu/x2

Kanatu hafe sanatu hafe jedhe sababa hin eeru

Waaqakoo naafo kan akkake hin jiru/x4

Keessakootu nagaa qaba boqodheera uffee jedhee

Raafamuu maleen jiraadhaa amanannaakoo siin godhee

Homtinuu dhiibee nahin jigsu sirrattan bu’uureffamee

Hamaan yoo natti dhufellee nan oolaa maqaakee waamee

Maalan ta’a sitti ofkennee

Galanni galatarrattii

ulfinni ulfinarrattii

Gooftaakoo siif haata’u(Yesuuskoo)

Hin jiru kan hammakee ga’uu/x2

Kanatu hafe sanatu hafe jedhe sababa hin eeru

Waaqakoo naafo kan akkake hin jiru/x4

Kankee kam himeen kam dhiisa hundumtuu garaa naaraasa

Faarfannaakoo qindeeffadheen meeka’een oolmaakee kaasa

Sita’uu malee Waaqakoo maaltu har’a ga’a ture

Situ nadabarse Gooftaa fuuncaa fuuldurakoo ciree

Silaallee naaf dhumee ture

Galanni galatarrattii

ulfinni ulfinarrattii

Gooftaakoo siif haata’u(Yesuuskoo)

Hin jiru kan hammakee ga’uu/x2

Kanatu hafe sanatu hafe jedhe sababa hin eeru

Waaqakoo naafo kan akkake hin jiru/x4

ምንጭ፦ ግጥሙ ለ Lyriqa በቀጥታ የቀረበ/የተዘጋጀ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ