Lyriqaሊሪቃ · የመዝሙር ግጥሞች

Sagaleenkee Gooftaa

2003 · ትራክ 8 · Afaan Oromoo

▣ አቅርብ / Present✎ እርማት ጠቁም

Sagaleenkee Gooftaa dammaa fi aannan caalaa anatti mi’aayee

Yommuun dubbifadhe akka nama coomaa fi dhuka nyaateen ta’e

Qajeelfama dhugaa ifa jireenyako naaf ta’e nagaakoo

Seeneera keessakoo an booji’ameera kennadheera harkakoo

Ana abdii kutee taa’e qara ilaaluu

Ana biraan baatee fira fira caaluu

Akka nama taatee dugda natti hin gannee

Deebii kadhannaakoo ati nahin dhawwannee

Kanan yaadeen olitti naaf ta’eetan arge

Jireenyiko gogee in lalise in marge

Inni badisako deeme labsaa ture

Jireenyatti na argee aare mataa of cire

Sagaleenkee Gooftaa dammaa fi aannan caalaa anatti mi’aayee

Yommuun dubbifadhe akka nama coomaa fi dhuka nyaateen ta’e

Qajeelfama dhugaa ifa jireenyako naaf ta’e nagaakoo

Seeneera keessakoo an booji’ameera kennadheera harkakoo

Akkuma naan jettee akkuma dubbiikee

Guyyaasaa fi yeroosaatti raawwatte kakuukee

Utuu ta’ee silaa akka yaada diinaa

Badeen hafa ture maaltu ga’a addenda

Kiyyichis caccabee anis miliqeera

Haadhag’u seexanni hin dune anoo jira

Maalta’innaa jedhee booruuko hin yaadda’u

Yaannike ammayyuu ameen naaf haata’u

Sagaleenkee Gooftaa dammaa fi aannan caalaa anatti mi’aayee

Yommuun dubbifadhe akka nama coomaa fi dhuka nyaateen ta’e

Qajeelfama dhugaa ifa jireenyako naaf ta’e nagaakoo

Seeneera keessakoo an booji’ameera kennadheera harkakoo

Kaleessis darbeera har’I guyaa haaraadha

Boorus ta’e anaanoo kan na eegu addadha

Haahinaaftu hinaaftuun kankoo ida’aa deema

Siif ergan jiraadhee hin ilaalu harka ormaa

Ergaan du’aa tasa karrako ol hin seenu

Jirawoo dhiignikee inni du’a dhaanu

Kaasuke wallakkaa basha’een jiraadha

Siwajjiiniin ta’ee eenyuunan sodaadha.

Sagaleenkee Gooftaa dammaa fi aannan caalaa anatti mi’aayee

Yommuun dubbifadhe akka nama coomaa fi dhuka nyaateen ta’e

Qajeelfama dhugaa ifa jireenyako naaf ta’e nagaakoo

Seeneera keessakoo an booji’ameera kennadheera harkakoo

ምንጭ፦ ግጥሙ ለ Lyriqa በቀጥታ የቀረበ/የተዘጋጀ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ