Kee Ajaa'iba
Kee Ajaa'iba
ትራክ 8 · አማርኛ
BEEKTONNI BAAY’EEN BIRA HIN GEENNE
HUJII KEE GOOFTAA KAN HIMAMEE HIN DHUMNE
TAATEE JECHA KEETIIN HUNDINUU UUMAME
HAFUURA KAN KEETIIN MIDHAAGEE TOLFAME
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
HUJIIN KEE GOOFTAA DINQISIISAA
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
JECHA AKKAMIITIIN SI DINQISIIFADHA*2
ALFAA DHA OOMEEGAA KAN JALQABAA FI DHUMAA
BARAMARA JIRAATA ATI GOOFTAAN SANUMAA
TESSOON KEE QULQULLUU EENYUU SI HIN QIXXAATU
GAAF MARA HARAWAA HIN MADAALSIFAMTU
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
HUJIIN KEE GOOFTAA DINQISIISAA
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
JECHA AKKAMIITIIN SI DINQISIIFADHA*2
JECHA AFAAN KEETIIN WAAQAA FI LAFA UUMTE
WAAN LAFAA FI SAMII TA’U HUNDUMAA HOJJATTE
BARRUU HARKA KEETIIN SI FAKKATAA UUMTE
GOOFTUMMAA KANKEETIN HUNDUMATTI MUDHISTE
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
HUJIIN KEE GOOFTAA DINQISIISAA
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
JECHA AKKAMIITIIN SI DINQISIIFADHA*2
ALLAATTI WAAQA IRRA MUNYUUQAAN LAFA IRRAA
BINEENSOTA GURGUDDAA FI KEESSA GALAANA IRRA
URJOOTIIN SAMII IRRAA HALKANII FI GUYYAANI
JIRA HANGA AMMAA QOMOO QOMOO ISAANI
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
HUJIIN KEE GOOFTAA DINQISIISAA
KEE AJAA’IBA DHUGAAN NAMA RAAJA
JECHA AKKAMIITIIN SI DINQISIIFADHA*2
ምንጭ፦ ግጥሙ በ WikiMezmur ማኅበረሰብ የተገለበጠ ነው። የግጥሙ መብት የደራሲው ነው — የመብት ጥያቄ